Fana: At a Speed of Life!

Biyyoonni Lixaa deeggarsa Yuukreeniif taasisan dabaluuf waliigalan

Finfinnee, Bitootessa 16, 2014 (FBC) – Biyyoonni Lixaa deeggarsa Yuukreeniif taasisan dabaluuf waliigaluu gabaafame.

Hoggantoonni biyyoota lixaa walga’ii Beeljiyeem Braasalsitti gageessaniin duula waraanaa Raashiyaan Yuukreenirratti bante kan balaaleffatan ta’uu fi deeggarsa waraanaa fi namoomaa Yuukreeniif taasisuuf waliigaluu gabaafameera.

Barreessaa olaanaan NATO Jeensan Istooltanbarg ibsa maricha booda laataniin NATOn loltootasaa Yuukreenitti kan hin bobbaasne ta’uu ibsaniiru.

Deebii nuti waraanichaaf laannu mootummaa Yuukreen hidhachiisuuni jedhaniiru.

NATOn kallattiin Raashiyaa waliin gara waraanaatti kan hin seenne ta’uu fi Raashiyaarratti qoqqobbii dabalataa kan kaa’uu fi kanneen kanaan dura akka dheerataniif murteessuu RTn gabaasera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.