Fana: At a Speed of Life!

Mariin hawaasa godinaalee Shawaa Kabaa fi Iluu Abbaa Booraatti gaggeeffamuu egale

Finfinnee, Bitootessa 16, 2014 (FBC) – Godina Iluu Abbaa Booraatti, mariin hawaasa godinicha hirmachiisee fi kallattiiwwan yaa’ii 1ffaa Paartii Badhaadhinaan darbanii fi kenniinsa tajaajilaa irratti mari’atamaa jira.

Marii kallattii Yaa’ii 1ffaa Paartii Badhaadhinaan darbaniifi kenniinsa tajaajilaa kana irratti jiraattonni aanoolee godinichaa hundi argamuu ibsameera.

Hoggaanaan Biiroo Lafa Oromiyaa obbo Guutaa Laachooree, Bulchaan Godina Iluu Abbaa Booraa Obbo Indaalkaachoo Tafarii dabalatee keessummoonni garaagaraa argamaniiru.

Haaluma walfakkaatuun godina Shawaa Kaabaatti, mariin hawaasaa murtoo yaa’ii 1ffaa Paartii Badhaadhinaa mari’atamaa jira.

Marii kanarratti Hogganaan Biiroo Qonnaa Obbo Abbarraa Warquu dabalate,  hoggansi godinichaa fi qaamoleen hawaasaa garaa garaa argamaniiru.

Bulchaan Godina Shawaa Kaabaa Obboo Abrahaam Gaaddisaa, Paartiin Badhaadhinaa qormaata keessatti bu’aalee gurguddoo biyya ceesisan galmeessaa jiraachuu eeruun, gara fuula duraattis badhaadhina hunda galeessaa fiduuf kutannoo olaanaan hojjetamaa jira jedhan.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.