Godina Wallagga Lixaatti waltajjiin hawaasaa sadarkaa Godinaatti gaggeeffamuu eegale
Finfinnee, Bitootessa 16, 2014 (FBC) – Godina Wallagga Lixaatti waltajjiin Hawaasa Aanoolee fi Magaalota Godinichaa hirmaachise Sadarkaa Godinaatti kallattii fi murtoo yaa’ii 1ffaa akkasumas rakkoo kenniinsa tajaajilaan adda bahan irratti xiyyeeffatee gaggeeffamuu eegaleera.
Bulchaa Godina Wallagga Lixaa Obbo Solomoon Taammiruu haasaa saaqinsaa taasisaniin biyyi keenya qormaatilee gurguddaa siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa hunda dandamachuudhaan tarsiimoo ifaa Paartiin Badhaadhinaa boceen hojiitti hiikuun imala jijjiiramaa fi badhaadhinaa galmaan gahuuf injiifannoo gurguddaa galmeessaa jiraachuu himaniiru.
Waltajjiin hawaasaa gaggeeffamaa jiru kun Yaa’ii 1ffaa paartichaa kallattii fi murtoo darbee hawaasni beekee hojiirra oolmaa isaaf hawaasni tumsuu akka qabuuf gaafataniiru.
Rakkoowwan kenniinsa tajaajilaan biyyaa fi hawaasa irratti miidhaa geessisaa jiranis hawaasni saaxiluun sirreeffamaa fi tarkaanfiin akka fudhatamuuf waltajjii murteessadha jechuusaanii ragaan kominikeeshinii godina Wallaggaa Lixaarra argame ni muul’isa.
Haaluma walfakkatuun qaamoleen hawaasaa garaagaraa aanoolee fi magaalota Godina Jimmaa, murtee Yaa’iin Paartii Badhaadhinaa dabarsee fi haala waqtaawaa biyyaarratti magaalaa Jimmaatti mari’ataa jiru.
Marii kanarratti sadarkaa itti aanaa preezdaantiitti Qindeessaan kilaastera hawaasummaa Oromiyaa, Obbo Abdulhaakim Muluu fi bulchaan Godina Jimmaa, Obbo Tijaanii Naasiir argamaniiru.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.