Jiraattonni godinaalee Shawaa Lixaa fi Shawaa Bahaa murtoo fi kallattiiwwan yaa’ii 1ffaa Paartii Badhaadhinaarratti mari’atan
Finfinnee, Bitootessa 16, 2014 (FBC) – Jiraattonni godinaalee Shawaa Lixaa fi Shawaa Bahaa murtoo fi kallattiiwwan yaa’ii 1ffaa Paartii Badhaadhinaarratti mari’ataniiru.
Jiraattonni godina Shawaa lixaa aanaalee 22 irraa walitti babba’an magaalaa Ambootti mari’achaa jiru.
Waltajjii marichaarratti miseensoonni koree giddugaleessaa Paartii Badhaadhinaa, Obbo Kaasaahuun Gofee fi Dooktarr Namarraa Maammoo argamaniiru.
Marichaan rakkoowwaan nageenyaa , qaala’insa jireenyaa fi bulchiinsa gaarii haala furuun danda’amurratti mari’ataniiru.
Bifuma walfakkaatuun jiraattonni aanaalee godina Shawaa Bahaa murtoo fi kallattii Yaa’ii 1ffaa Paartii Badhaadhinaa irratti darbee fi haala yeroo irratti, Magaalaa Adaamaatti mari’achuu OBN gabaaseera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.