Waltajjiin Ummataa Paartiin Badhaadhinaa qopheesse rakkoo hawaasaa furuuf carraa kan uumu ta’uu ibsame
Finfinnee, Bitootessa 15, 2014 (FBC) – Waltajjiin Ummataa Paartiin Badhaadhinaa qopheesse rakkoo hawaasaa qabatamaan furuuf carraa kan uumu ta’uu hayyoonni Saayinsii Siyaasaa ibsan.
Paartichi gaaffilee ummataaf furmaata laachuuf tarkaanfii qabatamaa fudhachuun bu’aa agarsiisuu qaba jedhan.
Marichi Paartiin biyya bulchaa jiru ummatatti dhiyaachuun rakkoolee jiran akka hubatuu fi furmaata akka kaa’uuf carraa kan uumu ta’uu Daayreektarri Giddu Gala barnoota Heeraa fi Federaaliizimii Dooktar Hayilesuus Taayyeen ibsaniiru.
Mariin ummata waliin taasiifame hoggantoonni mootummaa gabaasarra darbee dhugaa lafarra jiru akka hubataniif carraa kan laatu ta’uu Barsiisaa fi Qorataan Saayinsaa idil addunyaa Suraafeera Geetahuun ibsaniiru.
Rakkoo ummataa dhaggeeffachuun akka waan gaaritti kan ilaallamu ta’us dhimmi ijoon rakkichaa hiikuudha jedhan.
Rakkoolee eeramaniif deebii qabatamaa malee waan hojiirra hin oolleef ummatatti abdii horuun kan hin barbaachifne ta’uu hayyoonni kunneen eeraniiru.
Gaaffilee ka’aan hundaaf furmaanni Paartii biyya bulchu qofa osoon hin taane qaama dhimmi ilaallatu hunda ta’uu qaba jedhan.
Afawarq Iyyaayuutu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.