Jarman misoomaa fi guddina Ityoophiyaaf qoodashee ba’achuuf qophii ta’uu ibsite
Finfinnee, Bitootessa 15, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan walitti bu’iinsaa fi jeequmsa keessaa baatee misoomnii fi guddinni ishee akka milkaa’uuf Jarman qoodashee ba’achuuf qophii ta’uu Ministeera Tumsa Diinagdee fi Misoomaatti hogganaan Gaanfa Afrikaa Voon Isan Maarkas ibsan.
Jilli olaanaan Ministeera Tumsa Diinagdee fi Misoomaa Jarman hoggantoota olaanoo Ministeera Maallaqaa waliin dhimmoota tumsa diinagdee biyyoota lameeniirratti mari’ataniiru.
Mariin jilicha waliin dhimmoota tumsa diinagdee fi misoomaarratti taasifame bu’aa qabeessa ta’uu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.