Fana: At a Speed of Life!

Ityoo – Teeleekoom tajaajila Intarneetii haaraa mana keessaa 4G jedhamu beeksiise

Finfinnee, Bitootessa 15, 2014 (FBC) – Ityoo – Teeleekoom tajaajila Intarneetii haaraa mana keessaa 4G jedhamu beeksiise.
Dhaabbatichi Tajaajila Intarneetii Broodbaandii haada maleessa 4G haaraa (home 4g wttx) dhiyeessuu hojii Raawwachiiftuun Ityoo – Teeleekoom Aadde Fireehiyiwaat Taammiruun ibsaniiru.
Tajaajilli kun iddoolee abbaa tajaajila haadaan uwwisuun hin danda’amnetti akka filannootti kan tajaajilu ta’uu ibsaniiru.
Tajaajilichi naannolee mana jireenyaatti Neetwarkii bilbilaa fayyadamuun tajaajila Intarneetii saffisa olaanaa qabu gatii madaallawaan laachuuf akka filannootti kan dhiyaate ta’uu eeraniiru.
Fedhii maamiltootaa guutuuf Teeknooloojiiwwan haaraa beeksiisaa jiraachuu Aadde Fireehiyiwaat himaniiru.
Qiddist Tasfaayeetu gabaase.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.