Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan rakkoo nageenyaa fi qaala’iinsa jireenyaf furmaata waaraa akka laatu jiraattoonni magaalaa Asoosaa gaafatan

Finfinnee, Bitootessa 14, 2014 (FBC) – Mootummaan nageenyaa waaraa mirkanneessuu cinaatti qaala’iinsa jireenyaaf furmaata akka laatu jiraattoonni magaalaa Asoosaa gaafataniiru.
Preezdaantiin Naannoo Beenishaanguul Gumuz obbo Ashaadilii Hasanii fi Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisaa Dooktar Abrahaam Balaay murtoo fi kallattii Yaa’ii Paartii Badhaadhinaa 1ffaan darbanii fi haala yerooratti jiraattoota magaalaa Asoosaa waliin mari’ataniiru.
Duulli birmadummaa gaggeeffamaa ture injifannoon golobamus ammas rakkoon nageenyaa ummata tasgabbii dhorkaa jiraachuu jiraattoonni waltajjicharratti hirmaatan eeraniiru.
Qaala’iinsi jireenyaa daraan hammaachaa dhufuun ummatatti qormaata hamaa ta’aa jiraachuu kaasaniiru.
Mootummaan qaala’iinsa jireenyaaf furmaata waaraa akka barbaadu gaafataniiru.
Adeemsa jijjiirramaa keessatti Ityoophiyaan qormaata keessa ta’uun injifannoo jajjaboo galmeessuu Preezdaantiin naannichaa obbo Ashaadilii Hasan gaaffii ummataaf wayita deebii laatan himaniiru.
Nageenya waaraa mirkaneessuun dhimma ijoo mootummaan irratti hojjechaa jiru ta’uu eeraniiru.
Yeroo itti aanu Mootummaan naannichaa mootummaa federaalaa waliin ta’uun ciminaan kan hojjetu ta’uu himaniiru.
Haleellaa qaamoleen hidhatanii naannicha keessa socho’anii fi biyyoota ollaarraa daangaa’ce’uun qaqqabsiisaa jiran dhaabsiisuuf murannoon kan hojjetan ta’uu mirkaneessaniiru.
Qaala’iinsa jireenyaa shira namtolcheen uumamaa jiru ittisuuf mootummaan tarkaanfiin jabaa kan fudhatu ta’uu dubbataniiru.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.