Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti biyyeen sigigaachuun lubbuun nama 1 darbe

Finfinnee, Bitootessa 14, 2014 (FBC) –Magaalaa Finfinnee Kutaa magaalaa Eekkaa aanaa 7tti sababaa biyyeen sigigaachuutin lubbuun nama 1 darbu Komishinii hoggansi sodaa balaa fi ibiddaa magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Aanichatti iddoo Qabbannaa jedhamutti ijaarsa gamoof biyyeen qotamee namarratti sigigaachuunii lubbuun nama 1 kan darbe.

Lubbu baraartoonni komiishinichaa tattaaffii taasisaniin lubbuu nama tokko baraaruu danda’uu fi gara yaala giddugala wallaa’ansaatti geessuu ragaan komishinicharraa argame ni muul’isa.

Waqxi gannaa dhufaa jiruun balaawwan walfakkatoon akka hin mudanneef ogeeyyiin ogummaa ijaarsaarratti bobba’aanii jiranii fi qaamoleen ilaallatuu of eeggannoo akka taasisaan koomishinichi waamicha dhiyeesseera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.