Fana: At a Speed of Life!

Yeroon Abbootiin Qabeenyaa alaa Ityoophiyaatti Invastimantiirratti bobba’an amma – Komishinar Leellisee Namee

Finfinnee, Bitootessa 14, 2014 (FBC) – Yeroon Abbootiin Qabeenyaa alaa Ityoophiyaatti hojii Invastimantiirratti bobba’an amma ta’uu Komishinarri Komishinii Invastimantii Komishinar Leellisee Nameen ibsan.
Komishinar Leelliseen Jila dhaabbata Geejjiba Galaanaa Xaaliyaanii Riimoorchiiyaatoorii Riiyuuniitii jedhamu waliin marii taasiisaniiru.
Kuppaaniyyaa Xaaliyaanii adda duree ta’e waliin karoora Invastimantii damee Loojistiiksii fi hojiirra oolmaa isaarratti marii bu’aa qabeessa taasiisuu Komishinar Leellisaan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Jilli kun kana dura Ministira Ministeera Geejjibaa fi Loojistiiksii Aadde Daagmaawiit Mogas waliin mari’achuun kan yaadatamuudha.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.