Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Sidaamaa Magaalaa Hawaasaatti mariin hawaasaa taa’amaa jira

Finfinnee, Bitootessa 14, 2014 (FBC) – Naannoo Sidaamaa Magaalaa Hawaasaatti mariin hawaasaa taa’amaa jira.

Maricharratti rakkoowwan kanaan dura mul’atan kanneen akka rakkoolee misooma magaalichaa fi bulchiinsaa gaarii, daldala seeraan alaa fi rakkoole manneen jireenya magaalicha keessatti mul’atanirratti mari’atamaa jira.

Hirmaattonni marichaas mootummaan kutannoo kanaan rakkoowwan ummanni kaasuuf furmaata kenninaan Ityoophiyaan yeroo gabaabaatti jijjiiramuu dandeessi jedhan.

Preezdaantiin Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leedaamoo,marii kanarratti akka jedhanitti, Paartiin Badhaadhinaa galmi isaa Ityoophiyaan akka badhaatu gochuudha.

Paartiin kuni,siyaasa biyya kanaa ammayyeessuudhaan waliin jireenya sabootaa eenyummaa fi naannoo sabootaa fi sablammootaa giddu galeessa godhateen hojiirra akka oolu taasiseera jedhan.

Paartichi diimokraasii babal’isuudhaan aangoon ummatarraa akka madduuf,filannoo biyyaalessaa 6ffaa darberratti mirkaneesseera jedhan.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.