Fana: At a Speed of Life!

Godina Jimmaatti sa’aatii 1 keessatti gurgurtaan boondii Birrii miiliyoonni 1.7 raawwatame

Finfinnee, Bitootessa 13, 2014 (FBC)- Godina Jimmaa aanaa Limmuu Koossaatti sa’aatii 1 keessatti gurgurtaan boondii Birrii miiliyoonni 1fi kumni dhibbi 7 raawwatame.

Godinichatti  simannaan waancaa hidha haaromsaa aanaa Limmuu Koossaatti geggeeffameera.

Sagantaa simannaa Kana sababeeffachuun sosochii uumameen hawaasni aanichaa sa’aatii 1 keesaatti bittaa boondii Birrii miiliyoona 1.7 raawwataniiru.

Jiraattonni aanichaa deeggarsa eegalan cimsanii akka itti fufan ta’uu ibsaniiru.

Bulchaan Aanaa Limmuu Koossaa Obbo Jifaar Badiruu, hawaasni aanichaa kana duras deeggarsa cimaa taasisaa turuu eeruun, galateeffataniiru.

Ummatni aanichaa kan har’aa dabalatee bara kana hidha haaromsa guddicha Ityoophiyaaf bittaa boondii Birrii miiliyoona 3.2 raawwachuu barreessaan mana maree deeggarsa hidha haromsaa godinichaa obbo Samaruddiin Mohammad Zayin dubbataniiru.

Dabalataan, aanaan Limmu Saqqaa fi Cooraa Botor Birrii miiliyoona 2.5 oliin boondii bituusaanii himameera.

Muktaar Xahaatu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.