Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Dirree Dawaatti baasii Birrii miiliyoona 5.5 giddugalli kalee dhiquu ijaaramuufi

Finfinnee, Bitootessa 13, 2014 (FBC)- Magaalaa Dirree Dawaatti baasii Birrii miiliyoona 5 fi kuma dhibba 5 giddugalli kalee dhiquu ijaaramuuf  ta’uu ibsame.

Giddugalichi hospitaala Saabiiyaan keessatti baasii warshaa simmitoo Naashinaaliin kan ijaaramu ta’uu fi ijaarsasaaf dhagaan bu’uuraa guyyaa har’aa kaa’amuu eerameera.

Giddugalichi haala qulqullina qabuu fi sadarkaasaa eeggateen guyyoota 45 keessatti ijaaramee kan xumuramu ta’uu kantiibaan magaalaa Dirree Dawaa obbo Kadir Juhaar ibsaniiru.

Bittaa maashinii kalee dhiquu fi ijaarsa giddugalichaaf baasiin mootummaan taasisu kan hin jirre ta’uu kaasaniiru.

Hoggantuun Biiroo Eegumsa Fayyaa magaalaa Dirree Dawaa aadde Lamlam Bazzaabihi gamasaaniin ijaarsi giddugalichaa yeroo gabaabaa keessatti xumuramuun jiraattotaaf tajaajila kan kennu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Biiroo Kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.