Fana: At a Speed of Life!

Caffeen yaa’ii idilee gaggeessaa ture xumurame

Finfinnee, Bitootessa 13, 2014 (FBC)- Caffeen Oromiyaa yaa’ii idilee 2ffaa waggaa 1ffaa bara hojii Caffee 6ffaa gaggeessaa ture xumureera.

Caffichi yaa’ii guyyoota lamaaf magaalaa Adaamaa Galmaa Abbaa Gadaatti guyyoota lamaaf gaggeessaa ture xumureera.

Caffeen, ajandaawwan yaa’ichaaf qabaman hunda irratti tokko tokkoon marii bilchina qabu gaggeessee kan raggaasiseera.

Waliigalaan gabaasa raawwii hojii baatiiwwan torbaa qaama raawwachiisaa Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dhiyeessan dabalatee labsiiwwan 3 fi dambii tokko akkasumas, miseensota koreewwan Dhaabbii Caffee hir’ataanii fi sababa hojiin isaanitti baay’atuuf hojicha irratti hin argamne bakka buusuu fi Gumii Calaltuu Dhimmoota Heeraa hir’atan nama hir’ate bakka basuun danda’ameera.

Akkasumas yaa’icha muudama adda addaa raggaasisuun goolabuu ragaan fuula Feesbuukii Caffee Oromiyaarra argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.