Fana: At a Speed of Life!

Qaamolee ajjeechaa abbootii Gadaa Karrayyuutin shakkaman adamsuun seeraa jala olchuun qoratamaa jira-Preezdaant Shimallis

Finfinnee, Bitootessa 13, 2014 (FBC)- Wixineen labsii sirna Buusaa Gonofaa naannoo Oromiyaa murteessuuf ba’e wixinee labsii lakkoofsa 244/2014 ta’ee sagalee caalmaa Caffee Oromiyaatin ragga’eera.

Preezdaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa labsii ragga’ee kana ilaalchisee ibsa kennaniin misoomni waloos ta’u dhaabbilee misoomaa kamuu aadaa fi duudhaa sirna abbootii keenyaa sirna Gadaatti  yoo hin deebine milkaa’uu akka hin dandeenye muuxannoon biyyoota biroo ni agarsiisaa jedhaniiru.

Kanaafis misooma waloof Buusaa Gonofaa, nageenya keenya eegsisuuf Gaachana sirna aadaa fi  Gadaa keessaa waraabun murteessaadha jedhaniiru.

Aadaa fi duudhaa abbootii keenyaa dhalootaa dhufu barsiisaa deemun murteessaa ta’ee argameera jedhan.

Mootummaan naannoo Oromiyaa akkuma kaleessaa calmaatti duudhaa ummata Oromoo dagaagsuun addunyaan aadaa keenya akka beeku gochuuf tattaaffii gama maraa cimsee itti fufas jedhaniiru.

Kanuma waliin walqabatee ajjeechaa abbootii Gadaa Karrayuurratti raawwate miseensoota caffee kan dheekkamsiisee fi qaamolee kana raawwatan duudhaa fi safuu keenya kan cabsedha jedhaniiru.

Miseensoota caffeenis gaaffiin qaamolee gocha kana raawwatan seeraaf dhiheessuurratti maaltu hojjetamaa jira jedhuun dhiyaateen.

Obbo Shimallis Abdiisaa dhimma kanaratti deebii kennaniin gochi qaanessaa fi safuu keenya faallesse akkuma jedhame hunda keenya hamilee nu cabseera gocha Oromummaa diiguuf aggaamamee ta’u beekuu qabna jedhaniiru.

Gocha raawwatameetti mootummaan naannoo Oromiyaa gadda itti dhaga’aamee himaniiru.

Dhimmichaanis qaamolee shakkaman adamsuun seera jala oolchun qoratamaa jiraachuu obbo Shimallis eeraniiru.

Gammachiis Taarikuu, Daagmaawii Deeksisaa fi Afwarqi Alamuutu  gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.