Fana: At a Speed of Life!

Paarkonni indaastirii carraa hojii uumuutin bu’aa irraa eegamu akka fidaniif mootummaa deeggarsa ni taasisaa-aadde Adaanach

Finfinnee, Bitootessa 13, 2014 (FBC)- Paarkonni indaastirii carraa hojii uumuutin bu’aa irraa eegamu akka fidaniif mootummaa deeggarsa ni taasisaa jechuun kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebeen ibsaniiru.

Aadde Adaanach Abeebee Paarkii Indaastirii Labuutti Warshaa Kophee Huwaajiiyan kan daawwataan yoo ta’u, keesaayu paarkota indaastirii rakkoo akkamitu isaan muudata, rakkichi akkamiin furamuu danda’aa, mootummaarraayis maaltu eegamaa kan jedhuurratti dhimmoota xiyyeeffannoon deebii itti laatamuu qabuudha jedhaniiru.

Aadde Adaanach kayyoon daawwannichaa inni olaanaan deebii qabatamaa laachuufi jedhaniiru.

Daawwannicharratti itti aanaan kantiibaa obbo Zhaanxiraar Abbayiin dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo biroon argamuu TOI gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.