Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo nageenyaa Naannoo Oromiyaa furuuf hawaasa hirmaachisuun hojjetamaa jira – Shafii Huseen

Finfinnee, Bitootessa 12, 2014 (FBC) – Rakkoo nageenyaa Naannoo Oromiyaa furuuf hawaasa hirmaachisuun xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu, Hogganaan Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa Oromiyaa, obbo Shaafii Huseen ibsan.
obbo Shaafiin, gama nageenyaan gaaffilee miseensota Caffeerraa ka’aniif deebii kennaniiru.
Rakkoo naageenyaa Godinaalee Oromiyaa tokko tokko keessa jiru waaaraan furuuf hojii hojjetamaa jiruun bakkeewwan rakkoo nageenyaa qaban keessatti bu’aan galmaa’uu dubbataniiru.
Godinaalee Qellem Wallagaa, Wallagaa Bahaa, Bunnoo Beddellee, Baalee fi kanneen biroo keessatti hojiin gaarii hojjetamuu dubbataniiru.
Humni shanee dandeetti cimaa qabaatee osoo hin taane, humna badii waan ta’eef ummata keenya nagaarraa gaga’ama qaqqabsiisaa jira jedhan obbo Shaafiin.
Humni nageenyaafi hoggansi qindoominaan hojjennaan Naannoo Oromiyaatti nageenya waaraa fiduun akka danda’amu himaniiru.
Bakkeewwan caasaan nageenyaafi gaggeessaan qindoominaan hojjetameetti,bu’aan abdachiisaa argameera jedhan.
Hojii kana daraan cimsuun naannichatti nageenya waaraa buusuuf ni hojjetama jechuu isaanii OBN gabaaseera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.