Fana: At a Speed of Life!

Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan Daayrektara olaanaa Baankii Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 11, 2014 (FBC)- Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan Daayrektara olaanaa Baankii Addunyaa Taawufiilaa Niyaamaadzaaboo waliin mari’atan.

Marisaaniin dhimmoota karoora misooma Ityoophiyaarratti mari’achuu ibsameera.

Marichaan Dooktar Fitsum Karoora misoomaa waggoottan 10 Ityoophiyaan hojiirra oolchaa jirturratti ibsa laataniiru.

Baankiin Addunyaa dhaabbilee idil addunyaa deeggarsa maallaqaa sosochii misoomaa Ityoophiyaaf taasisan keessaa tokko ta’uu ibsameera.

Baankichi gama proojektiiwwan fayyaa, daandii, bishaan dhugaatii fi saaniteeshinii, ijaarsa dandeettii fi wabii nyaataan deeggarsa kan taasisu ta’uu eerameera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.