Fana: At a Speed of Life!

Balaa hongee dandamachuuf hojiileen Bishaan giddugaleeffatan waaraan ni hojjetamu – Komishinar Mitikkuu Kaasaa

Finfinnee, Bitootessa 12, 2014 (FBC) –Hongee uumame dhiyeessa yeroo qofaan dandamachuun waan hin danda’amneef hojiileen waaraa bishaan giddu galeeffatan kan hojjetaman ta’uu Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Komishinar Mitikkuu Kaasaan dubbataniiru.
Jijjiirramni qabeenya Qilleensaa ‘Laaniinaa’ jedhamu Ityoophiyaatti dhibbaa olaanaa qaqqabsiisaa jiraachuu Komishinar Mitikkuun ibsaniiru.
Keessattuu hawaasni Kibba, Kibba Bahaa fi naannolee Gammoojjii biyyattii jijjiirrama qabeenya qilleensaa kanaan miidhamaa jiraachuu eeraniiru.
Lammiilee rakkoo kanaaf saaxilaman miiliyoona 6.4f deeggarsi namoomaa yeroo mootummaa Federaalaa, dhaabbilee Deeggartootaa fi naannolee waliin ta’uun dhiyaachaa jiraachuu kaasaniiru.
Dhiyeessiin kun lubbuu namaa baraarurratti kan xiyyeeffate ta’uu himaniiru.
Naannolee horsiisee bulaatti qabeenya beelladaa baraaruuf nyaanni beelladaa dhiyaachaa jiraachuus dubbataniiru.
Hojiileen Dhaabbilee bishaanii suphuu fi boolla bishaanii ariitiin qotuu hojjetamaa akka jirus ibsaniiru.
Sababa hongeen miidhaan qabeenya beelladootarratti qaqqabe jireenya horsiise bulaa gaaga’aa jiraachuu Komishinar Mitikkuun himaniiru.
Maddi:-TOI
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.