Fana: At a Speed of Life!

Damee geejjibaa fi loojistikiin bu’aa olaanaa fiduuf hojiileen hojjetaman gadi fageenyaan gamaaggamamuu akka qaban ibsame

Finfinnee, Bitootessa 12, 2014 (FBC)- Damee geejjibaa fi loojistikiin bu’aa olaanaa fiduuf hojiilee hojjetaman gadi fageenyaan gamaaggamamuu akka qabanii fi hordoffii fi to’annoo barbaachisaan taasifamuu akka qabu Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistikii  Aadde Daagmaawwit Mogas ibsan.

Ministeerri Geejjibaa fi Loojistikii raawwii hojii karoora guyyoota 100  gamaaggameera.

Hojiileen karoora marsaa 2ffaan hojjetaman kan jajjabeeffamu ta’uu aadde Daagmaawwit waltajjichaan kaasaniiru.

Yeroo ittaanutti fayyadamummaa hawaasaa mirkaneesuuf qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Hojiileen gama bu’uuraalee misoomaa geejjibaa fi loojistikii babal’isuu, tajaajila geejjiba hawaasaa fooyyessuu, tajaajila geejjiba fe’umsaa fi loojistikii fi uwwisa inshuraansiin hojjetaman waltajjichaan gamaggamamuu ibsameera.

Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistikii aadde Daagmaawwit Mogas hojiilee fuulduratti xiyyeeffannoon hojjetamuu qaban irratti qajeelfama hojii kaa’uu ragaaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.