Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan Shaampiyoonaa atleetiksii mana keessaa Beelgireed sadarkaa 1ffaan xumurte

Finfinnee, Bitootessa 12, 2014 (FBC)- Ityoophiyaan Shaampiyoonaa atleetiksii mana keessaa 18ffaa Beelgireed 2022n sadarkaa 1ffaan t xumurte.

Ityoophiyaan dorgommichaan meedaaliyaa 9 argachuun addunyaarraa 1ffaa ta’uun xumurteetti.

Atleetonni Ityoophiyaa dorgommii fiigichaa garaagaraan koorniyaa lamaaniin Warqee 4, Meetii 3 fi Nahaasa 2 waliigala meedaaliyaawwan 9 biyyattiif argamsiisaniiru.

Shaampiyoonaa atleetiksii mana keessaa kanaan Ameerikaa fi Siwiizarlaand sadarkaa 2ffaa fi 3ffaa ba’uun xumuraniiru.

Ityoophiyaan shaampiyoonaa atleetiksii mana keessaa 12ffaa Vaaleenshiyaan warqee 4, meetii 1 fi nahaasa 1 wayita argattu shaampiyoonaa atleetiksii mana keessaa 17ffaa Barmiingihaamiin ammoo Warqee 4 fi meetii 1 argachuu ragaan Federeeshinii Atileetiksii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.