Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Mana Maree naannoo Gaambeellaa wixinee labsiiwwannii fi muudamoota dhiyaatan raggaasisuun xumurame

Finfinnee, Bitootessa 11, 2014 (FBC) – Manni Maree Naannoo Gaambeellaa yaa’ii idilee guyyoota lamaaf gaggeessaa tureen wixinee labsiiwwannii fi muudamoota dhiyaatan raggaasiisun xumurameera.

Manni marichaa wixinee labsii adda addaa, muudama abbootii seeraa 18 fi kaabinoota 3 dhiyaate raggaasiiseera.

Yaa’ichaan abbootiin seeraa aanaalee fi godinaalee rakkoo namuusaa qaban 6 hojiirraa kan gaggeeffaman yoo ta’uu, 3 ammoo sadarkaa turanirraa gadi bu’uu ibsameera.

Manni marichaa obbo Uboong Uguutaa, hogganaa Biiroo Hojii fi Ogummaa, obbo Chaankoot Chool hogganaa Biiroo Jallisii fi misooma naannawaa Gammoojjii, Aadde Ulaang Gaach hoggantuu Biiroo Pilaanii fi Misoomaa naannichaa taasiisun muuduu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii naannichaarraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.