Fana: At a Speed of Life!

Maashinni Warqee dhiquu fi dhimbiibuuf tajaajilu Magaalaa Buraayyuutti hojjatame tajaajilaaf oole

Finfinnee, Bitootessa 11, 2014 (FBC) –Maashinni Warqee dhiquu fi dhimbiibuuf gargaaru magaalaa Buraayyuutti Waldaa ‘Bili Mekaanikaal Miner’ jedhamuun hojjatame tajaajilaaf ooluu ibsame.

Maashina Baasii sharafa alaa hambisee tajaajila guddaaf oole kana Ministirri Ministeera Albuudaa Injinaar Taakkalaa Uumaan daawwataniiru.

Maashinni kun sa’aa 1 keessatti Toonii 100 dhiquu fi dhimbiibuuf dandeettii qabaachuu ibsameera.

Dargaggoonni kunneen guyyoota 20 keessatti maashini kan hojjatanii xumuruu himameera.

Ministirri Ministeera Albuudaa Injinaar Taakkala Uumaan aadaan meeshaalee oomisha albuudaaf tajaajilan oomishuun babal’isuun sharafa biyya alaa kan hambisuu ta’uu ibsuun dargaggoota kanneen jajjabeessaniiru.

Hojiin fakkeenyummaa qabu kun akka babal’atu dhaamuu isaanii OBN gabaaseera..

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.