Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Ministiroota walga’ii idilee har’a gaggeesseen murtoo garaagaraa dabarse

Finfinnee, Bitootessa 10, 2014 (FBC) –Manni Maree Ministiroota walga’ii idilee 5ffaa har’a gaggeesseen dhimmoota adda addaarratti murtoo dabarseera.

1.Manni marichaa sanada tarsiimoo hammattummaa Faayinaansii biyyaaleessaa (2014 – 2018) irratti mari’achuun sagalee guutuun raggasiiseera.

2.Sagantaa sirna fooyya’iinsa Faayinaansii Baadiyyaa raawwachiisuuf kan oolu waliigaltee liqaa Fandii Misooma Qonnaa idil addunyaa waliin taasifame manni Maree bakka bu’oota ummataa akka raggaasiisu qajeelchera.

3. Waliigaltee dhaabbata biyyoota Afrikaa, Kaaribiyaanii fi Paassifikii hundeessuuf fooyya’ee ba’e waliigalee Joorjitaawon irratti mari’achuun manni Maree bakka bu’oota ummataa akka raggaasiisu qajeelchera.

4. Itti aansuun wixineewwan labsii kaaffaltii tajaajila Dhaabbalee abbaa taayitaa hawaasa siiviilii,komishinii Poolisii federaalaa, Immigireeshinii lammiilee fi bulchiinsa nageenya odeeffannoo murteessuuf qophaa’eerratti mari’achuun guyyaa gaazeexaa Nagaaritirratti maxxanfamee eegalee hojiirra akka oolu murteesseera.

5.Wixineewwan dambii Gruuppii Indaastiriiwwan Sukkaaraa Ityoophiyaa hundeessuuf ba’an 6 dhiyaatan raggaasiisuun guyyaa Gaazexaa Nagaaritiirratti maxxanfamee eegalee hojiirra akka oolu murteesseera.

6.Dhumarratti waliigaltee tumsa loltummaa Rippaablika Turkii waliin taasiifameerratti mari’achuun Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa akka raggaasiise qajeelchera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.