Fana: At a Speed of Life!

Haala Kominikeeshinii Biyyattii bifa walfakkaatuu fi Kallattii badhaadhina Biyyattii ittiin wal simsiisuun danda’amurratti mari’atamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 10, 2014 (FBC) – Tajaajilli kominikeeshinii Mootummaa haala Kominikeeshinii Biyyattii bifa walfakkaatuu fi Kallattii badhaadhina Biyyattii waliin wal simsiisuun hojjechuun danda’amurratti Hoggantoota kominikeeshinii Naannoolee, Magaalotaa fi hoggantoota Miidiyaa waliin Magaalaa Bishooftuutti mari’achaa jira.

Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluu kominikeeshiniin meeshaa ittiin amalaa fi barmaatilee Ummataa jijjiirru waan ta’eef uummata bal’aa biyyattii misoomaa fi Ijaarsa Biyyaa keessatti humna qabuufi qixa barbaadamuun hirmaachisuu irratti kominikeetaroonni sirnaanirratti hojjechuu qabu jedhan.

Imaammataa fi tarsiimoowwan Mootummaan baasu bifa uummataaf ifa ta’ee fi uummata biraan gahuun Kominikeeshinii ta’uu himan.

Maddi :- TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.