Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Awwal Arbaan hospitaala Duubtiitti maashinii oksijiinii oomishu hojii eegalchiisan

Finfinnee, Bitootessa 9, 2014 (FBC) – Preezdaantiin naannoo Afaar obbo Awwal Arbaan hospitaala Duubtiitti maashinii oksijiinii oomishu eebbisiisuun hojii eegalchiisaniiru.

Sirna eebba maashinichaarratti obbo Awwal Arbaa dabalatee preezdaantiin dhaabbata Sentar For Proodaaktiiv heelz treeniing Proofeesar Sannaayit Fisahaa fi hoggantoonni hojii olaanoon argamaniru.

Maashinichi naannicharra darbee naannolee ollaaf tajaajila kennuu kan danda’u ta’uu ibsameera.

Oksijiiniin baasii guddaan bakkeewwan garaagaraarraa dhufaa tura hospitaalichatti oomishamuu eegaluu daayerktarri meedikaalaa hospitaalichaa Dooktar Huseen Adam eeraniiru.

Maashinichi humna isaa guutuun oomishuu wayita eegalu guyyaatti oksijiinii siliindara 200 ol kan oomishu ta’uu kaasaniiru.

Dabalataanis obbo Awwal Arbaan babal’ina hospitaalichaa dhagaa bu’uuraa kaa’uun hojii jalqabsiisaniiru.

Alii Shuumbaahiriitu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.