UNICEF deeggarsa maallaqaa fi teekinikaa Ityoophiyaaf taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu beeksise
Finfinnee, Bitootessa 9, 2014 (FBC) – Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti dhabbanni gargaarsa daa’immanii UNICEF deeggarsa maallaqaa fi teekinikaa Ityoophiyaaf taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu beeksiseera.
Ministirri Ministeera Dhiimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayeen dhaabbatichatti gorsaa eegumsa daa’immanii Biiroo Naannawaa Afrikaa Bahaa fi Kibbaa Andiriiwu Baarooks waliin mari’ataniiru.
Mootummaan bakkeewwan hongee fi waraanni mudatettii kutaalee hawaasaa buqqa’an, dubartootaa fi daa’imman deebisee dhaabuuf hojjechaa jiraachuu Dooktar Ergoogeen eeraniiru.
Ityoophiyaan dhaabbaticha waliin hariiroo yeroo dheeraa kan qabduu fi dhimmoota hawaasummaa garaagaraarratti waliin hojjechaa turuu ibsaniiru.
Dhaabbatichi deeggarsa teekinikaa fi maallaqaa lammiilee sababa hongee fi waraanaan buqqa’aniif taasisu cimsee akka itti fufu gaafataniiru.
Gorsaan eegumsa daa’immanii Biiroo Naannawaa Afrikaa Bahaa fi Kibbaa Andiriiwu Baarooks gamasaaniin naannoo Amaaraatti kutaalee hawaasaa qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an daawwachuu fi waraanichi dubartootaa fi daa’imman irratti miidhaa cimaa qaqqabsiisuu ibsaniiru.
Deeggarsi gama mootummaa fi dhaabbatichaan Kutaalee hawaasaa miidhaman kanneeniif taasifamu cimee itti fufuu akka qabu eeraniiru.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.