Ijaarsi daandii Kaarra Diimaa – Gobeentii harkifachuun rakkoof nu saaxile-jiraattota
Finfinnee, Bitootessa 9, 2014 (FBC) – Ijaarsi daandii Kaarra Diimaa – Gobeentii Mojoo harkifachuun rakkoo garaa garaatiif isaan saaxiluu jiraattonni godina Harargee Bahaa aanaa Gola Odaa ibsan.
Ijaarsi daandichaa yeroon xumuramuu dhabuun beeladoota isaanii gabaaf dhiyeessuun fayyadamoo akka hin taaneef rakkoo ta’uu horsiisee bultoonni komii qaban dhiyeessaniiru.
Ijaarsi daandichaa baajata waliigalaa Birrii miliyona 44 hirmaannaa ummataa, bulchiinsa aanichaa fi Mootummaa Naannoo Oromiyaan jalqabamuu Waajjirri Abbaa Taaytaa Daandii fi loojistikii aanichaa ibseera.
Ijaarsi daandiichaa bara 2007 kan eegale ta’uu Itti gaafatamaan waajjira Abbaa Taaytaa Daandii fi Loojestikii Obbo Foozii Hassen eeraniiru.
Harkifannaa ijaarsa daandii kanaatiif sababa kan ta’e kontiraaktaroonni hojii kana irratti bobba’an kaffaltii humna olii gaafachuu fi horsiisee bultoonni aanichaa hirmaannaa isaan irraa eegamu bahaachuu dhabuu ta’uu ibasniiru.
Rakkoo kana furuuf mootumaa naannoo oromiyaa Birrii miiliyona 23 fi bulchiinsi aanaa baajata Birrii miiliyona 10 kan ramadan ta’ullee Horsiise bultoota irraa qarshiin miiliyonni 7 walitti qabuu kan hin danda’amne ta’uu kaasaniiru.
Rakkoo mudate furuun ijaarsa daandi eegalame akka xumuramu gochuun tajaajila hawaasaaf akka ooluu qabu itti gaafatamaan waajjira daandii fi loojistikii aanichaa Obbo Foozii Hassen ibsaniiru.
Kadir shamshediintu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.