Kaabineen naannichaa ajandaa hundeeffama dhaabbata Misooma garee BG irratti mari’achuun murtoo dabarse
Finfinnee, Bitootessa 8, 2014 (FBC) – Kaabineen naannoo Beenishaangul Gumuz walga’ii idilee guyyaa har’aa gaggeesseen ajandaa hundeeffama dhaabbata Misoomaa Mootummaa “BG Diviloopment Giruup” jedhamurratti irratti mari’achuun murtoo dabarsuu ibsame.
Dhaabbatichi damee konistiraakshinii, Albuudaa, Qonnaa fi qorannoo diizaayinii naannichaa qaamolee dhimmi isaa ilaallatu biroo waliin ta’uun rakkoolee misoomaa naannichaa fi bulchiinsa gaarii furuuf ga’ee olaanaa kan qabu ta’uu isaa itti amanamee ariitiin gara hojiitti akka galuuf murtoon darbuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.