Ijaarsi dhaabbilee qaama murteessaa adeemsa jijjiiramaati- MM Abiy Ahimad
Finfinnee, Bitootessa 8, 2014 (FBC) – Ijaarsi dhaabbilee qaama murteessaa adeemsa jijjiiramaa ta’uu Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad ibsan.
Komishiniin Gumuruuka Ityoophiyaa hojiin jijjiirama dhaabbatichaa fi nama giddugaleessa godhachuun gaggeessaa jiru kan dinqisiifatamu ta’uu ibsaniiru.
Sirna kenniinsa tajaajila elektirooniksii diriirsuun, iddoo hojii mijataa uumuun, hojjettootaaf dhiyeessii midhaan nyaataa gatii madaalawaan akka dhiyaatu taasisuun, giddugala tursa daa’immanii tajaajila guutuu kennu gurmeessuu fi hojjetoota qulqullinaaf galii dabalataa argamsiisuuf daandiiwwan mijeessuu fi hojiileen tajaajila si’ataa uumuuf gargaaraan hojjetamuu isaanii gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.