Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonnii fi miseensonni Poolisii rakkoo namuusaa qaban 146 hojiirraa gaggeeffaman

Finfinnee, Bitootessa 8, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti hoggantoonnii fi miseensonni Poolisii namuusa Poolisii cabsan 146 hojiirraa gaggeeffamuu Poolisiin Magaalichaa beeksiise.
Poolisiin Magaalaa Finfinnee hojiilee baatiwwan 6 darban hojjetaman ilaalchisee ibsa laateera.
Hoggantoonnii fi miseensonni Poolisii hojii namuusa poolisii hin madaallee fi badii raawwataman 146 hojiirraa gaggeeffamuu ibseera.
Labsii yeroo ariifachiisaa keessatti hojiileen hedduun raawwatamuu Daayreektarri Hariiroo Ummataa Komishinii Poolisii magaalaa Finfinnee Komaandar Faasikaa Faantaan himaniiru.
Sakattoo gaggeeffameen Boombiin 47, Fanjiiwwan 8, Kilaash Kooviin 113, Shugguxiiwwan 422 fi Rasaasni Kilaashii kumni 17 ol, kan Shugguxii kumni 8 ol, Rasaasni Bireenii fi Matarayyeesii kumni 2 fi 901 fi meeshaaleen waraanaa biroo hedduun to’atamuu kaasaniiru.
Sakattoon hojiilee alseerummaa fi to’annoon daddabarsa meeshaalee waraanaa akkasumas namoota seeraan alaa seeratti dhiyeessuu cimee kan itti fufu ta’uu himaniiru.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.