Fana: At a Speed of Life!

Ejensichi tattaaffii manneen barnootaa barbadaa’an deebisanii dhaabuuf taasifamu kan deeggaru ta’uu ibse

Finfinnee, Bitootessa 8, 2014 (FBC) – Ejensiin Tumsa Idil Addunyaa Jaappan tattaaffii manneen barnootaa barbadaa’an deebisanii dhaabuuf taasifamu kan deeggaru ta’uu beeksise.

Ministirri Ministeera Barnootaa Proofeesar Birhaanuu Naggaan bakka buutuu olaantuu Ejensii Tumsa Idil Addunyaa Jaappaan/JICA Dooktar Kaatsuukii Mooriihaaraa waliin mari’ataniiru.

Proofeesar Birhaanuun deeggarsa ejensichi damee barnoota Ityoophiyaaf taasise galateeffachuun tattaaffii manneen barnootaa barbadaa’an deebisanii dhaabuuf taasifamurratti deeggarsi isaanii cimee akka itti fufu gaafataniiru.

Dooktar Kaatsuukii Mooriihaaraan gamasaaniin bara faranjootaa 2006 hanga 2020tti Doolaara miiliyoona 290 ol deeggarsa taasisuu fi manneen barnootaa 80 ijaaruun danda’amuu eeraniiru.

Manneen barnootaa sababa waraanaan barbadaa’an ijaaruuf ejensichi ga’eesaa kan ba’atu ta’uu ibsuun gosa barnootaa herregaa fi saayinsiin walqabatee galteewwan manneen yaalii fi meeshaalee garaagaraa kan guutu ta’uu eeruu isaanii ragaan Ministeera Barnootaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.