Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan Ityoophiyaatti nagaa buusuu fi bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf deeggarsi taasiisaa jirtu kan dinqisiifamu – Ambaasaaddar Diinaa Muftii

Finfinnee, Bitootessa 8, 2014 (FBC) – Chaayinaan Ityoophiyaatti nageenya waaraa buusuu fi bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf deeggarsi taasiisaa jirtu kan dinqisiifamu ta’uu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin ibsan.
Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin haala waqtaawaa ilaalchise ibsa torbee laataniiru.
Lammiilee Saa’uud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa jiran keessaa hanga ammaatti namoonni kumni 35 gara biyyaa deebi’uuf galmaa’uu himaniiru.
Tattaaffii Lammiilee Saa’uud Arabiyatti haala rakkisaa keessa jiran kuma dhibbaa 1 ol ta’an gara biyyaa deebisuuf hojjatamaa jiruun hanga ammaatti lammiileen kumni 35 gara biyyaa deebi’uuf galmaa’uu kaasaniiru.
Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa Chaayinaa Shuu Biing itti aanaa Muummee Minisiraa fi Ministira Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin waliin mari’achuu eeraniiru.
Obbo Dammaqaan gumaacha Chaayinaan dhimmi Hidha Haaromsaa gara Mana Maree nageenyatti akka hin fudhatame fashaleessuu,dhiibbaa alaa fi weerara Covid -19 dandamchuuf taasifame keessatti taasiifte galateefataniiru.
Biyyoonni Afrikaa nageenyaa fi misoomarratti tumsaan akka hojjetan Chaayinaan fedhii qabaachuu Shuu Biing himuu Ambaasaaddar Diinaan dubbataniiru.
Ambaasaaddaroonni haaraa muudaman biyyoota itti ramadamanitti bobba’uu eeruun, itti aantoonni Ambaasaaddarootaa ammoo Jaappaan, Ameerikaa, Kuubaa, Gibtsi, Moorokoo fi Kooriyaa Kibbaatti bobba’uu himaniiru.
Wandasan Araggaanyitu gabaase.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.