Fana: At a Speed of Life!

Walga’iin hoji raawwachiistuu Gamtaa Afrikaa 36ffaan banameera

Finfinnee, Amajii 28, 2012 (FBC) – Walga’iin hoji raawwachiistuu Gamtaa Afrikaa 36ffaan banameera.
 
Waltajjiin ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota miseensa Gamtaa Afrikaa irratti hirmaatan kun magaalaa Finfinneetti eegalameera.
 
Waltajjichi Gamtaa Afrikaa, galma Neelsan Maandeellaatti taa’amaa jira.
 
Waltajjiin har’a eegalame amma booritti itti fufuun gaggeeffama.
 
Waltajjicharratti dura taa’aan koomiishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faqiin argamuun haasaa baga nagayaan dhuftanii taasisaniiru.
 
Walga’ii kanaan ergamtoonni dhaabbii Gamtaa Afrikaa ajandaa yaa’ii dureewwaniif qopheessanitrratti mari’achuudhan, dureewwaniif akka dhiyaatu murtee ni dabarsa.
 
Yaa’ii dureewwan Gamtaa Afrikaa 33ffaan ammoo itti aanuun Gurraandhala 1,2012 eegalee guyyootii lamaaf gaggeeffama.
 
Yaa’iin dureewwan Gamtaa Afrikaa rakkoo nageenyaa tokko malee akka xumuramuuf poolisiin qophii ga’aa taasisuusaa beeksisuun ni yaadatama.
 
Yaa’icharratti preezdaantonni biyyoota Afrikaa 31, muummeewwan ministiraa 4, ministiroonni dhimma alaa biyyoota 7, itti aantonni preezdaantii biyyoota 3, giiftii dureewwan 14 dabalatee, bakka bootonni biyyoota 45 ni hirmaatun eegama.
 
Muummeewwan ministiraa Kaanaadaa fi Noorweey, preezdaantiin Filisxeem, ministiroonni dhimma alaa biyyoota 3, ambaasaaddaroonni biyyoota 7 ni hirmaatu.
 
Waliigalaan keessummoonni kuma 10 ta’an ni hirmaatu jedhameet eegama.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.