Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan Yaa’ii idil addunyaa Innooveeshinii Diijataalaa Afrikaa bara 2022 keessummeessuufi jedhame

Finfinnee, Bitootessa 8, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan Yaa’ii idil addunyaa Innooveeshinii Diijataalaa Afrikaa bara 2022 keessummeessuuf ta’uu ibsameera.
Yaa’icha Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii, Abbaan Taayitaa Kominikeeshinii Ityoophiyaa fi Eksiteeshiyaan tumsaan kan qopheessan ta’uu ibsameera.
Yaa’icharratti Ministiroonni, hoggantoonni dhaabbilee Teeknooloojii fi ogeeyyii olaanoon Teeknooloojii odeeffannoo fi Kominikeeshinii biyyoota 30 ol irra walitti babba’an 300-500 ta’an ni hirmaatu jedhame.
Yaa’iin idil addunyaa Innooveeshinii Diijataalaa Afrikaa Ityoophiyaan akka qopheessitu murtaa’uun Ityoophiyaan damichaan filatamtuu ta’aa dhufuu ishee kan muul’isu ta’uu Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaan ibsaniiru.
Ityoophiyaan yaa’icha qopheessuuf qophummaa qabaachuu Dooktar Ballaxaan mirkaneessaniiru.
Biyyattiin yaa’icharraa Diinagdee Diijitaalaa eegalteef yaadota deeggarsa ta’an kan argattu ta’uus kaasaniiru.
Yaa’ichi Caamsaa 3-4, 2014 magaalaa Finfinneetti kan gaggeeffamu yoo ta’uu, qaamolee imaammata qopheessanii fi dhaabbilee misooma damicharratti bobba’aniif yaadni furmaataa ni dhiyaataan kan eegamu ta’uu ragaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojiirraa argame ni uul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.