Fana: At a Speed of Life!

Loojiin Paarkii Biyyoolessa Awaash eebbifame

Finfinnee, Bitootessa 6, 2014 (FBC) – Loojiin Paarkii Biyyoolessa Awaash keessatti Abbaa Qabeenyaa Obbo Taadiyoos Geetachootiin hojjatame xummuramuun eebbifameera.

Sirni eebbicharratti Ministirri Ministeera Turizimii Ambaasaddar Naasisee Caalii, hoggantuun Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Usmaanii fi gaggeessitoonni sadarkaa Federaalaa fi hoggansi naannoo argamaniiru.

Ambaasaddar Naasiseen haasawa taasisaniin iddoowwan qabeenya akka biyyaatti qabnu kana misoomsuufi mijeessuuf gaheen Abbootii abeenyaa shoora olaanaa waan qabuuf fakkeenyummaa Abbaa Qabeenyaa Obbo Taadiyoos Geetachoo fudhachuun babal’isuun murteessaadha jedhan.

Aadde Sa’aadaa Usmaan gama isaanitiin iddoowwan akkasii haala mijataa hin taane keessaatti hojjechuu fi mijeessuun carraa Tuuristoota biyya alaaf qofa osoo hin taane uummanni keenyas daawwachuun qabeenya dachee isaatti bashannanuuf gargaara jedhaniiru.

Abbaa qabeenyaa Obbo Taadiyoos Geetachoo galateeffachuu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaarra argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.