Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Injiinaar Habtaamuu Ittifaa Baankii Addunyaatti jila daayrektara Afrikaa Bahaatin durfamu waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 7, 2014 (FBC)- Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injiinar Habtaamuu Ittifaa Baankii Addunyaatti jila daayrektara biyyoota Afrikaa Bahaatin durfamu Keetii Hasaan waliin mari’ataniiru.

Dooktar Injiinar Habtaamuu saaniteeshinii dhiyeessi bishaan dhugaatii, bulchiinsa bishaanii fi misooma haaromsaa anniisaarratti hojiiwwan hojjetamaa jiran ilaalchisee jilichaaf ibsa taasisaniiru.

Ityoophiyaan bara 2030 lammiileeshee hunda dhiyeessi humnaan fayyadamoo taasisuu karoorsitee hojjechaa jiraachuu ibsuu isaanii ragaan ministeericharra argame ni muul’dhisa.

Daayrektarri biyyoota Afrikaa Bahaa Keetii Hasaan gama isaaniin, hojiiwwan hojjetamaa jiran dinqisiifataniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.