Fana: At a Speed of Life!

Namoonni hanna keebiliin shakkaman to’atamuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 7, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti namoonni hanna keebilii Baabura salphaa magaalaa Finfinnee, Ityoo-teelekoomii fi tajaajila elektirikiin  shakkaman harkaa harkatti  to’achuun qorannoo irratti gaggeessaa jiraachuu Poolisiin Magaalichaa beeksise.

Namoonni dhuunfaa Keebilii daddabarsa elektirikii baabura salphaa magaalaa Finfinnee kutanii fudhachaa turan kutaa magaalaa Eekkaa aanaa 9 bakka Naannoo Baankii Daldalaa jedhamuun beekamutti misensota poolisiin harkaa harkatti to’atamuu hogganaan qajeelcha poolisii kutaa magaalichaa Koomaandar Daammanaa Tasfaayee ibsaniiru.

Hanna bu’uuraalee misoomaarratti raawwatu ittisuuf hundi ga’eesaa ba’uu akka qabu ergaa dabarsaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.