Fana: At a Speed of Life!

Miidhaa hongeen beelladarraa gahaa jiru furuuf hojiin misooma Jallisii Birrii miiliyoona 66 hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 7, 2014 (FBC) – Miidhaa sababa hongeen beelladarraa gahaa jiru furuuf hojiin misooma Jallisii margaa lafa heektaara 115 ol irratti hojjetamaa jiraachuu ibsame.

Hojichi Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaatti, Sagantaa dandamanna Jiruu fi Jireenya Gammoojjii (LLRP) jedhamuun Birrii miliyoona 66 misoomaa jiraachuu ibsameera.

Lafa hektaara 208 misoomsuuf karooorfame keessaa, lafti hektaara 115 qopheessuun sanyiin margaa irratti facaafamaa jiraachuu qindeessaan Sagantaa LLRP damee Aanaa Eelwayyee Obbo Jal’aa Dullachaa himaniiru.

Horsiise bulaan lafa kana mukarraa qulqqulleessuun, qotuu fi facaasuun hektarrarraa Birrii 9700 argachaa, bu’aa gara lamee argachaa jiraachuu eeraniiru.

Hojichaan horsiise bultoonni 500 ta’an carraa hojii argachuu obbo Jal’aan himaniru.

Proojeektichi akka godinichaatti kan jalqabaa ta’uu fi  bu’aansaa olaanaa ta’uu bulchaan aanichaa Obbo Qalliicha Boruu ibsaniiru.

Proojekticha hatattamaan xumuruuf hojjechaa jiraachuu fi baajatni proojektichaaf oolu baankii Addunyaarraa argamuu Ittaanaan hogganaa Biiroo Jallisii fi Misooma Horsiise Bulaa Injinar Gurmeessaa Oljirraa ibsuu OBN gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.