Fana: At a Speed of Life!

Baatiiwwan 3 dhufanitti zayitiin liitirri miiliyoonni 150 gara biyyaa akka galu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 7, 2014 (FBC) – Baatiiwwan 3 dhufanitti zayitiin liitirri miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 50 gara biyyaa akka galu Ministeerri Maallaqaa beeksise.

Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen ibsa laataniin baatiiwwan 3 dhufanitti gama dhaabbilee misoomaa mootummaan ji’a ji’aan zayitiin liitiriin miiliyoonni 50 gara biyyaa kan galu ta’uu ibsaniiru.

Dabalataanis gabaa tasgabbeessuuf guyyoota muraasa keessatti zayitiin liitirri miiliyoonni 12.5 gara biyyaa kan galu ta’uu fi kanneen keessaa liitiriin miiliyoonni 4.8 gara biyyaa galuu  eeraniiru.

Yaa’ii jalqabaa Paartii Badhaadhinaan dhimmoota kallattiin irratti kaa’ame keessaa qaala’iinsa jireenyaa ariitiin tasgabbeessuun jireenya lammiilee fooyyessuu ta’uu ibsuun hojiin zayitiirratti hojjetamaa jirus qaama murtochaa ta’uu kaasaniiru.

Dhiyeessii fi gatii zayitii fooyyessuuf alarraa kan galuun cinatti oomishtoota biyya keessaaf deeggarsi kan taasifamu ta’uu himaniiru.

Warshaalee alarraa zayitii hin calalamne galchuun biyya keessatti calalan  kanneen akka Fiibelaa, Shamuu fi Hammaareessaaf mootummaan deeggarsa sharafa alaa kan taasisu ta’uu dubbataniiru.

Dhaabbilee xixiqqaa guutumman guutuutti zayitii biyya keessatti oomishaniifis deeggarsi kan taasifamu ta’uu himaniiru.

Mootummaan zayitii alarraa galchuurra darbee guutummaan guutuutti taaksiirraa bilisa gochuu yaadachiisaniiru.

Kanaanis bara 2011 irraa eegalee Birrii biiliyoona 23.7 dhabuu ibsaniiru.

Alaazaar Taaddalaatu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.