Fana: At a Speed of Life!

Koonfaransiin buna idil addunyaa 2ffaan har’a ni eegalama

Finfinnee, Amajjii 28,2012 (FBC)-Koonfaransiin buna Idil addunyaa 2ffaan qopheessummaa Ityoophiyaatin har’a Galma Barkumeetti ni eegalama.

Koonfaransichi mata duree “Buna biyya argama isaarraa” jedhuun guyyoota sadiif Finfinnee Galma Barkumeetti ni gaggeeffma jedhameera.

Koonfaransii kanarratti agarsiisnii fi baazaariin bunaa ni dhiyaata.

Buna Ityoophiyaa sadarkaa addunyaatti beeksisuuf asxaa fi braandiin buna Ityoophiyaa ni beeksifama.

Dhandhamni bunaa, aadaa, sirni buna danfuu fi dorgommiin garagaraa ni gaggeeffama jedhameera.

Qophiin kun dhama uummaamaa buna Ityoophiyaa sadarkaa idil addunyaatti beeksisuuf carraa gaarii ta’uu Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Ityoophiyaa beeksiseera.

Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Federaalaa erga hundaa’ee koonfaransii buna idil addunyaa yeroo lammaffaaf qopheessuun isaa himameera.

Koonfaransii kanarratti aanga’oonni olaanoon, dippiloomaatonni, bakka buutonni oomishtoota bunaa, dhiyeessitoonni, ogeeyyiin biyya keessaa fi alaa kumni 1 fi 500 ol ni hirmaatu jedhameera.

Ityoophiyaan waggaa waggaadhan buna toonii kuma dhibba 2 ol gara alaatti ni ergiti jedhame.

Daldallii bunaa galii sharafa alaa irraa argamu %30 kan uwwisu yoo ta’u, namoonni miiliyoonni 15 ol oomisha bunaan jiruu fi jireenya isaanii dursaa akka jiran ragaan Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.