Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Yibalxaal Ministira dhimma biyya keessaa Sudaan waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 6, 2014 (FBC) – Sudaanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Yibalxaal Ayimiroon Ministira dhimma biyya keessaa biyyattii Leetanaal Jeneraal Anaan Hamiid Mohaammad waliin haala rakkoo lammiilee Ityoophiyaa muudachaa jiru furuun danda’amurratti mari’ataniiru.
Mootummaan Sudaan lammiilee Ityoophiyaa Sudaan keessa jiraatan eeyyama hojii fi mana jireenyaa hin qabne karaa seera qabeessaan haala jiraachuu danda’anirratti hojjechaa turuu ibsameera.
Qaamoleen lameenis rakkoolee Ityoophiyaanoota muudachaa jiru haala furuun danda’amurratti mari’ataniiru jedhame.
Rakkoolee kana furuuf tattaffii mootummaa fi ummanni Sudaan agarsiisan Ambaasaaddar Yibalxaal galateeffataniiru.
Rakkoolee eeyyama hojii fi mana jireenyaan walqabatee jiru humna lammiilee Ityoophiyaa biyyattii keessa jiraatanii ol ta’uu isaani mootummaan Sudaan deeggarsa fi Tumsa addaa akka taasiisu gaafataniiru.
Leetanaal Jeneraal Anaan Hamiid Mohaammad Oomaar gama isaaniin Ityoophiyaa fi Sudaan hariiroo fi tumsa seenaa qabeessa kan qaban ta’uu eeruun, hariiroo kana caalmaatti cimsuuf hojjetamuu qaba jedhan.
Rakkoo kaffaltii eeyyama Viizaa fi mana jireenyaa waliin walqabatee jiru furuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin kan hojjetan ta’uu kaasaniiru.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.