Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan simannaa Waancaa hidha guddicha hidha Haaromsaa Ityoophiyaa magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 6, 2014 (FBC)- Sagantaan simannaa Waancaa hidha guddicha hidha Haaromsaa Ityoophiyaa magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira.

Wancaan kun bulchiinsa magaala Dirree Dawaa irraa kan simatame ta’uu ibsameera.

Waancaan kun godinaalee Oromiyaa keessa naanna’uun galii Birrii miiliyoona dhibba 6 ol walitti qabaan karoorfameera.

Saganticharratti itti aanaan preezdaantii naannoo Oromiyaa fi walitti qaba Mana Maree hidha haaromsaa guddichaa naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii fi Daayrektarri olaanaan qindeessaa hirmaannaa ummataa Waajjirra Mana Maree Biyyaaleessaa Hidha Haaromsaa Dooktar Aragaawii Bariheen akkasumas Daayrektarrii olaantuun Hirmaannaa uummataa Hidha haaromsaa guddichaa Oromiyaa Aadde Konjiit Baqqalaa fi keessumonni biroon argamaniiru.

Muluu Waaqshumeetu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.