Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa hoggansa isaa yeroo yeroon gamaggamaa itti gaafatamummaa uummanni itti laate ba’achuu qaba- hayyoota

Finfinnee, Bitootessa 5, 2014 (FBC) – Paartiin Badhaadhinaa hoggansa isaa yeroo yeroon gamaggamaa kan gaafatamuu qabuu adda baasaa fi tarkaanfii fudhachaa itti gaafatamummaa uummanni itti laate ba’achuu akka qabu hayyoonni ibsan.

Rakkoolee nageenyaa, hanna, qaala’iinsa jireenyaa fi kanneen biroo keessaa biyya baasuuf akka kanaan duraa haasa’anii baduurra darbee hojiilee qabatamaan mul’atan hojjechuun barbaachisaa ta’uu Yuunvarsiitii Wachaamootti qorataan dhimmoota Afrikaa Baqqalaa Habtaamuu turtii Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin taasisaniin ibsaniiru.

Rakkoolee nageenyaa fi qaala’iinsa jireenyaa hambisuuf mootummaan hariiroo seer-maleessa hoggantoonni kiraasassaabdonni caasaaleesaa keessa dhokatanii fi abbootiin qabeenyaa dhuunfaa itti gaafatamummaan itti hin dhaga’amne uuman addaan kukkutuu akka qabu himaniiru.

Yuunvarsiitii Goondaritti gargaaraan Proofeesaraa Saayinsii Siyaasaa Andaargaachawu Tasfaahuun gamasaaniin qaala’iinsi jireenyaa sadarkaa diinagdee keenya kan bu’uureffatee fi haala qabatamaa idil addunyaa haala ilaalcha keessa galcheen furmaanni itti laatamuu qaba jedhan.
Rakkoon nageenyaa mul’atu kutannoo mootummaa kan gaafatu ta’uu kaasaniiru.

Hoggansi yeroo yeroon gamaggamamuun kan badhaafamuu qabu akka badhaafamu itti gaafatamuu kan qabanis itti gaafatamuu akka qaban eeraniiru.

Biyyi kan waloo ta’uu fi yaada jijjiiramni gama qaama tokkoon qofa dhufa jedhu irraa ba’uun kan waloo taasisuun waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Afawarq Alamuutu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.