Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa qaphxiilee  yaa’iisaa 1ffaan kaa’e qabatamaatti hojiirra akka ooluuf xiyyeeffannoon addaa kennamuu qaba jedhame

Finfinnee, Bitootessa 5, 2014 (FBC) – Paartiin Badhaadhinaa qaphxiilee  yaa’iisaa 1ffaan kaa’e qabatamaatti hojiirra akka ooluuf xiyyeeffannoon addaa kennamuu akka qabu hoggantoonni paartilee siyaasaa ibsan.

Rakkooleen kanneen akka nageenyaa, qaala’iinsa jireenyaa, malaammaltummaa fi bulchiinsa gaarii hoggansa ga’umsa qabuun furmaanni ariifachiisaan itti kennamuu akka qabu hogganaan Innaat Paartii obbo Yaayyahi Asmaraa fi dura taa’aan Paartii Bilisummaa Ityoophiyaa obbo Gizaachawu Abarraa turtii Faanaa Broodkaastiing korporeet waliin taasisaniin ibsaniiru.

Paartiin biyya bulchu dhimmoonni ijoon caasaalee mootummaa keessatti hojiirra akka oolaniif kaa’aman hanga caasaa gandaatti gadi bu’anii akka hojiirra oolaniif hordoffii cimaan kan barbaachisu ta’uu eeraniiru.

Hojiimaata paartii fi mootummaaf daangaa tolchuun lammiileen ga’umsa qaban gara fuulduraatti dhufanii qaama furmaataa akka ta’aniif paartii biyya bulchurraa hojii cimaan kan eegamu ta’uu addeessaniiru.

Paartileen siyaasaa dorgomtoonnis itti gaafatamummaa waloo biyya ijaaruurratti dogoggoroota jiran soroorsuunii fi jalqabdeewwan gaarii jajjabeessuun ga’ee isaanii akka ba’atan ibsaniiru.

Paartilee siyaasaa cinaatti qaamoleen dhimmamtoonni biroonii fi uummanni adeemsa ijaarsa biyyaaf ittigaafatamummaa isaanii ba’achuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Awwal Abarraatu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.