Fana: At a Speed of Life!

Qabxiin seensa dhaabbilee barnoota olaanoo ifoome

Finfinnee, Bitootessa 5, 2014 (FBC) – Qabxiin seensa dhaabbilee barnoota olaanoo bara 2013 ifoomeera.

Haaluma kanaan :- Saayinsii Uumamaan Barattoota idileef dhiira 363, dubartootaaf 351 yoo ta’u, Saayinsii hawaasaan barattoota idileef dhiiraf 264, dubartootaaf 254 ta’uu ibsameera.

Akkasumas Saayinsii Ummanaan naannolee Guddinarra jiranii fi Horsiisee Bultootaa Barattoota idileef Dhiira 351, durbaaf 339, Barattoota qaroo dhaggeettii hin qabneef koorniyaa lamaanuu 300, Barattoota dhuunfaan qoramaniif koorniyaa lamaaniinuu 380 ta’uu eerameera.

Saayinsii hawaasaan naannolee Guddinarra jiranii fi Horsiisee Bultootaa Barattoota idileef dhiiraf 254, dubartootaaf 250, Barattoota qaroo dhaggeettii hin qabneef koorniyaa lamaanuu 250, Qaroo ijaa hin qabeef koorniyaa lamaaniinuu 200, kanneen dhuunfan qoraman ammoo koorniyaa lamaaniinuu 280 ta’uu himameera.

Dhaabbilee barnootaa olaanoo dhuunfaa hordofuuf Saayinsii Uumamaan qabxii gadi aanaan 300, Saayinsii hawaasaan qaroo dhabeeyyiirra kan hafe hunduu 250 yoo ta’uu qaroo dhaabiiyyiif koorniyaa lamaanuu 200 ta’uu eerameera.

Qoramtoota marsaa 2ffaa ilaalchisee:-

Saayinsii Uumaamaa Dhiiraf 423, dubartootaaf 409, dhaabbilee dhuunfaatti barachuuf koorniyaa lamaaniinuu 350.

Naannolee guddattootaaf dhiiraf 410, dubartootaaf 396, dhaabbilee dhuunfatti barachuuf koorniyaa lamaaniinuu 350.

Naannolee Horsiisee Bulaaf Dhiira 411, dubartoota 398, dhaabbilee dhuunfatti barachuuf koorniyaa lamaaniinuu 350.

Qaroo dhaabeeyyii koorniyaa lamaaniinuu akkasumas dhuunfatti barachuuf 350.

Dhuunfa kanneen qoramaniif koorniyaa lamaaniinuu 443, dhaabbilee dhuunfatti barachuuf 355.

Saayinsii Hawaasaan barattoota idileef dhiira 317, dubartoota 305, dhuunfaan barachuuf koorniyaa lamaaniinuu 300.

Qaroo dhaabeeyyii koorniyaa lamaaniinuu 250, dhuunfaan barachuuf 250.

Naannolee guddatootaaf dhiira 305, dubartoota 300, dhuunfan barachuuf koorniyaa lamaaniinuu 300.

Naannolee Horsiisee Bultootaa dhiira 306, dubartootaa 300, dhuunfan barachuuf koorniyaa lamaaniinuu 300.

Qaroo dhabeeyyii koorniyaa lamaaniinuu 300, dhuunfan barachuuf 300.

Barattoota irra deebiin qorataman, koorniyaa lamaaniinuu 335 dhuunfan barachuuf 300 ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Barnootaa Dooktar Saamu’eel Kifleen ibsaniiru.

Mahaammad Aliitu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.