Fana: At a Speed of Life!

NATOn wal dhabdee Raashiyaa fi Yuukreen gidduu seene jechuun waraanni addunyaa 3ffaan eegale jechuudha- Chaarlas Miisheel

Finfinnee, Bitootessa 5, 2014 (FBC)- NATOn wal dhabdee Raashiyaa fi Yuukreen gidduu seene jechuun waraanni addunyaa 3ffaan eegale jechuudha jedhan Preezdaantiin Gamtaa Awurooppaa Chaarlas Miisheel.

Dhaabbatichi walitti bu’iinsa biyyoota lameenii gidduu yoo seene waraanni addunyaa 3ffaan ka’uu akka danda’u ibsaniiru.

Gamtaan Awurooppaa hanga ammaatti walitti bu’iinsa Raashiyaa fi Yuukreen gidduu kan hin seenne ta’uu Chaarlas Miisheel eeraniiru.

Biyyoonni lixaa walitti bu’iinsa biyyoota lameenii gidduu seenuu akka hin qabnee fi muddamni NATO fi Raashiyaa gidduu jiru kan hammaatu yoo ta’e addunyaan gara waraana niwukilaraatti seenuu akka dandeessu ibsaniiru.

Preezdaantichi wayita walga’ii Gamtaa Awurooppaa Faransaayitti eegalchiisan walitti bu’iinsa biyyoota lameenii duuba rakkoolee walxaxoon  jiraachuu ibsuun mariachi ofeeggannoon akka gaggeeffamuu yaadachiisaniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.