Fana: At a Speed of Life!

Koreen giddu galeessaa haaraa filatame walga’ii jalqabaa gaggeessaa jira

Finfinnee, Bitootessa 5, 2014 (FBC) – Koreen giddu galeessaa Paartii Badhaadhinaa haaraa filatame walga’ii jalqabaa gaggeessaa jira jedhame.
Korichi murtoowwanii fi kallattiiwwan yaa’ii jalqabaan darban haala hojiitti hiikkamurratti mari’ateera.
Koreen giddugaleessaa kun walga’ii isaaniin murtoowwanii fi kallattiiwwan yaa’ichaan darban haala hojiitti hiikkatan irratti karoorri qophaa’e saffisaan gara hojiitti akka hiikkatu murtoo dabarsuu ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaarraa argame ni muul’isa.
Korichi dabalataan Gamoo Waajjira Muummee Paartichaa kan eebbisiise yoo ta’uu, Proojektoota magaalaa Finfinneetti ijaarramaa jiranis daawwachaa jira jedhame.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.