Fana: At a Speed of Life!

Gamoo miidhagaa ijaaruu qofa osoo hin taanee biyya miidhagaa ijaaruu qabna-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Bitootessa 5, 2014 (FBC)- Sagantaa eebba gamoo Paartii Baadhaadhinaarratti haasaa kan taasisaan Preezdaantiin paartichaa MM Abiy Ahimad, gamoo miidhagaa ijaaruu qofa osoo hin taanee yaada miidhagaa uumuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Gamoo miidhagaa ijaaruun biyya miidhagaa uumuu hojii yeroo itti aanuuti jedhaniiru.

Gamoon waajjira Paartii Baadhaadhinaa kun abbaa darbii 9 yoo ta’uu, baasii Birrii miiliyoona 800 fi miiliyoona 95 ijaarramee jedhameera.

Gamichi galmootaa bashannanaa adda addaa kan qabuu fi ijaarsa gamochaarratti hojjettoonni kumni 3 ol hirmaataniiru.

Akkasumas gamoon kun lafa kaaree meetira kuma 4 fi 700 irra buufateera.

Sirna eebbicharratti Preezdaantiin Paartiichaa Dooktar Abiy Ahimad, Itti aantoonnii fi hoggantoonni paartichaa olaanoo biroon ni argamaniiru.

Itti aanaa preezdantii paartii badhaadhiinaa obbo Adam Faraah ijaarsi gamoo kana buusii miseensi paartiin buusee fi deeggarsa argameen ijaarrame jedhaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.