Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan walitti bu’iinsa Raashiyaa fi Yuukreen ilaalchisee odeeffannoo sobaa tamsaasaa jirti  – Chaayinaa

Finfinnee, Bitootessa 5, 2014 (FBC) – Chaayinaan,  Ameerikaan walitti bu’iinsaa Raashiyaa fi Yuukreen ilaalchisee odeeffannoo sobaa tamsaasaa jirti jechuun himatte.

Beejingi himata kana kan dhiyeessite Ameerikaan Raashiyaan deeggarsa meeshaa waraanaa Chaayinaa gaaffatte jechuu ishee hordofeeti.

Dubbii Himaan Ministeera Alaa Chaayinaa Zhaa’oo Liijiiyaan dhimmicha ilaalchisee ibsa laataniin, Ameerikaan walitti bu’iinsa Raashiyaa fi Yuukreen ilaalchisee olola sobaa tamsaasaa jirti jechuun himataniiru.

Aanga’oonni Waashiingitan Raashiyaan deeggarsa meeshaalee waraanaa Chaayinaa gaaffatte jechuun odeeffannoon tamsaasan bu’uurarraa dogongora ta’uu eeraniiru.

Ammaatti dhimmi ijoon waldhabdee biyyoota lamaanii tasgabbeessudha kan jedhan Dubbii himichi, yaa ta’uutii Ibiddarratti cidii dabaluun dhimmicha laboobsuun hojmaata itti gaafatamummaa hin qabneedha jedhan.

Mddi:-CGTN

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.